Ameerikaan deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa Ityoophiyaaf taasistu kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Ameerikaan deeggarsa meeshaalee yaala fayyaa garaagaraa Ityoophiyaaf taasistu kan itti fuftu ta’uu ibsite

Deeggarsi talaallii Vaayrasii Koroonaa gama dhaabbata USAID Ityoophiyaa galu lammiilee hunda bira akka ga’uuf kan hojjetamu ta’uu Ityoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa gama miidiyaa hawaasummaasaa ibseera.

Naannolee Amaaraa fi Afaaritti dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif meeshaalee yaala fayyaa guutuu dabalatee maashiniiwwan qabbaneessituu “Aaltiraakoold Cheeyin” jedhaman dhaabuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment