Ameerikaan deeggarsa Ityoophiyaaf taasisa turte akka itti fuftuu miseensonni koongirasii Ameerikaa 6 yaadachiisan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsaa taasisaa turte ammaas deeggaruu akka qabdu miseensonni koongirasii Ameerikaa 6 waajjiira ministeera dhimma alaaf xalayaa erganiin akeekkachiisan.

Miseensonni kanneen xalayaa ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo erganiin akka ibsaniitti Ityoophiyaannonni ogeessota ofii isaanii fi maallaqaa isanii hojjechaa akka jiraan ibsaniiru.

Deeggarsi kun adda cituun biyya michuu keenya taate waliin hariiroo qabnu ni laaffisaa jedhaniiru.

Dabalataniis marii dhimma hidha haaromsaa Guddiicha Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan gidduu jiru keessatti Ameerikaan loogirraa bilisa ta’uushee gaaffii keessa galchaa jedhaniiru.

Miseensonni jahaan xalayaa kana barreessan Jeesan Kroow, Ilhaan Omaar, Koniin Alreed, Joon Giraameendii, Jooyis Beetii fi Jeerald Koonlii jedhamu.

Dhimma hidha haaromsaan wal qabatee Ameerikaan Ityoophiyaarra deggarsa doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 30 kutuun ishee kan gabaafame tibba darbe ture.

Ameerikaatti ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Fitsum Araggaa, dhimma kanarratti mootummaa Ameerikaa irraa ibsa gaafatanii turan.

Deeggarsichi kan adda citeefis yeroof akka ta’e natti himameera jedhanii turan.

Miseensonni xalayicha barreessan hidhi haaromsaa guddiichi Ityoophiyaa maallaqa lammilee biyyattiin ijaarrama jira proojaktichis lammileen Itoophiyaa kan ittiin boonanidha jedhaniiru.

Ameerikaa fi Ityoophiyaan hariiroo waggoota 100 olii akka qaban kan eeru xalayichi, itti dabaluun dhalattoonni Ityoophiyaa nuusa miiliyoonaa ta’an Ameerikaa keessa jiratuu jedha.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment