Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Ameerikaan deeggarsa garee shororkeessaa Sooriyaa Waaypiij/Piikeekee jedhamuuf taasistu akka dhaabdu ajajaan waraanaa Ameerikaa duraanii Been Hoojis gaafatan.
Deeggarsi Ameerikaan garee shororkeessichaaf taasistu Turkiin mufachiisuu ibsaniiru.
Preezdaant Joo Baayidan baatiiwwan sadan dhufanitti gara Turkiitti imaluun Preezdaantii Turkii Eerdoogaan waliin dhimmicharratti mari’achuu akka qaban yaada dhiyyeessaniiru.
Sababa garee shororkeessaa kanaan nageenyi Turkii balaarra bu’uu fi Ameerikaan maal na dhibdeen garichaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Preezdaantiin Turkii gamasaaniin, Ameerikaan maqaa dhaabbata shororkeessaa Daa’iishiin waraanuu jedhuun garee shororkeessa biraaf deeggarsi taasistu hiika kan hin qabne ta’uu ibsuu isaanii TRTn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.