Ameerikaan deeggarsa Doolaara miiliyoona 37 taasifte

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Ameerikaan carraaqqii Ityoophiyaan tattamsa’ina COVID-19 ittisuuf taasiftu gargaaruuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 37 taasifte.

 

Deeggarsichi vaayrasi koroonaa ittisuu fi too’achuuf kan gargaaruu fi saaxilamummaa hawaasaa ittisuuf akkasumaas hubannoo uumuuf kan oolu ta’uu ragaan Imbaasii Ameerikaarra argame ni muldhisa.

 

Mootummaan biyyatti Ministeeraa Fayyaa FDRI, Ministeera Nageenyaa, Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, komishinii Sodaa Balaa fi Hojii Gaggeessaa fi dhabbiilee biroo waliin ta’uun tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

 

Mootummaan Ameerikaa waggoota 20 darbanitti damee fayyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 4 kan taasise yoo ta’u, dameewwan misoomaa garagarafis deeggarsa taasiseera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment