Ameerikaan bara Faranjootaa 2023 keessaa gurgurtaa meeshaalee waraanaa olaanaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) – Ameerikaan bara Faranjootaa 2023 keessaa gurgurtaa meeshaalee waraanaa olaanaa raawwachuu ibsameera.

Gurgurtaan meeshaalee waraanaa bara 2023 raawwatte daraan kan dabale yoo ta’uu, waliigalaan Doolaara biiliyoona 238 ga’uu ibsameera.

Waraanni Yuukreenii fi Raashiyaa gurgurtaan meeshaalee waraanaa Ameerikaa akka dabaluuf qooda olaanaa qabaachuu eerameera.

Mootummaan Ameerikaa kallattiin gabaatti baasee kan gurgure Doolaara biiliyoona 81, kun kan bara 2022 haala walfakkaataan raawwateen yoo walbira qabame % 56 dabaluu eerameera.

Kaan kubbaaniyyaa humna ittisaa biyyattiitu biyyoota alaan walii galuun gurgure jedhame.

Ollaa Yuukreen kan taate Poolaand dhiheenya kana humna waraanaa ishee babal’isaa jirti, kanaaf meeshaalee waraanaa Ameerikaa kunneen heddumminaan bituu BBCn gabaaseera.

Biyyoonni Awurooppaa hedduun maallaqa baay’ee baasii gochuun meeshaalee waraanaa Ameerikaarraa bitachuun dursa qabatu jedhame.

Biyyoota Awurooppaan ala biyyoonni addunyaa hedduun meeshaalee waraanaa Ameerikaarraa bituu isaanii himameera.

Kooriyaan Kibbaa Doolaara biiliyoona 5n, Awustiraaliyaan Doolaara biiliyoona 6.3n, Jappaan Doolaara biiliyoona 1n bituu isaanii gabaafameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment