Ameerikaan ‘AGOA’ ilaalchisee murtee dabarsite irra deebitee ilaaluu akka qabdu mootummaan hubachiise

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Mootummaan Ameerikaa carraa fayyadamummaa daldala ashuurrarraa bilisaa Ameerikaa Ityoophiyaa dhorkuuf murtoo dabarse irra deebi’ee ilaaluu akka qabu Mootummaan Ityoophiyaa hubachiise.
Ministeerri Dhimma Alaa murtoo Ameerikaa ilaalchisee ibsa baaseera.
Murtoon darbe fudhatama kan hin qabnee fi tattaaffii mootummaan Ameerikaa lammiilee galii gadi aanaa qaban fayyaduuf taasiisu hubannoo keessa kan hin galchine ta’uu ibseera.
Murtichi garee shororkeessaa ABUT kan jajjabeessuu fi tattaaffii Ityoophiyaanoonni hiyyummaa keessaa ba’uuf taasiisan kan miidhu ta’uu ministeerichi ibsa isaan beeksiiseera.
Kana bu’uura taasiisuun mootummaan Ameerikaa murtoo dabarse irra deebi’ee ilaaluu akka qabu ibsa isaan hubachiiseera.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu Kaaba Biyyattiitti gaggeeffamaa jiru hordofee mootummaan Amerikaa qabsiinsa mirga namoomaaf sodaa qabaachuu isa mootummaan Ityoophiyaa kan hubatu ta’uu eereera.
Yaa ta’uutii sodaan kun carraa fayyadamummaa daldala ashuurrarraa bilisaa Ameerikaa fi Ityoophiyaa adda kutuuf sababa ga’aa kan hin taane ta’uu himeera.
Murtoon kun lammiilee galii gadi aanaa qaban kuma dhibba 2 ol kanneen dhimmacha waliin hidha hin qabne kan miidhu ta’uu Ministeerichi hubachiiseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment