Ameerikaan adeemsa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan durfamu ni deeggarti- Joo Baayidan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Ameerikaan walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti mudate furuuf adeemsa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan durfamu kan deeggartu ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsan.

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaan Ameerikaa magaalaa Niwyoorkitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti, Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Waashingitan walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti uumame furuuf adeemsa marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan durfamu kan deeggartu ta’uu dubbachuu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Injinar Silashii Baqqalaan ergaa gama Tiwiitara isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Yaadni pireezidaantichi yaa’icharratti kaasan yaada mootummaan Ityoophiyaa guyyaa gareen shororkeessaa ABUT waraana eegalerraa tarkaanfachiisaa ture waliin kan walsimu ta’uu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment