Ameerikaafi Raashiyaan oomisha Niwukilaraa hir’isuuf marii eegaluufi

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC)- Ameerikaafi Raashiyaan oomisha meeshaalee  niwukilaraa hir’isuuf marii eegaluuf ta’uu gabaafame.

Dippiloomaatonni biyyoota lameenii dhimmicharratti mari’achuuf yeroo dhiyootti Ijiptitti kan wal gahan ta’uu RTn gabaaseera.

Mariin gam-lamee biyyoota lameenii tarkaanfiiwwan miidhaa niwukilarri qaqqabsiisu hir’isuuf fudhatamuu qaban irratti kan xiyyeeffatu ta’uus eerameera.

Ameerikaafi Raashiyaan bara Faranjootaa Onkololeessa 2021 Jeeneevaatti walgahuun to’annoo meeshaalee niwukilaraarratti waliigaltee waliif mallatteessuun isaanii kan yaadatamudha.

Waliigaltichi irra deebiin haaromfamuu baannaan guyyaan tajaajila isaa bara Faranjootaa 2026’tti kan raawwatu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment