Ameerikaa magaalaa Loos Aanjelesitti hiriirri mormii wixinee Seeraa HR6600 fi S3199 gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Ameerikaa Kutaa bulchiinsa Kaaliifoorniyaa magaalaa Loos Aanjelesitti hiriirri mormii wixinee Seeraa HR6600 fi S3199 gaggeeffameera.

Hiriirichi kan gaggeeffame fuuldura biiroo misensa koongiransii Kaaliifoorniyaa Birad Sheermaan fuulduratti ta’uu ibsameera.

Hiriiricharratti Ityoophiyaanonni, lammiilen Eertiraa fi michuuwwan Ityoophiyaa hirmaataniiru.

Wixineewwan seeraa kunneen Ityoophiyaa akkasumas hariiroo biyyoota lameenii kan miidhu waan ta’eef hirmaattonni hiriirichaa wixinneewwan kunneen akka haqaman gaafataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment