Ameerikaa Magaala Niiwuu Jeersitti Dhukaasa Banameen Lubbuun Namoota 6 Darbe

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Ameerikaa Magaala Niiwuu Jeersitti dhukaasa banameen ajejaa poolisii tokko dabalatee lubbuun namoota 6 darbu himame.

Dhukaasa namoonni lama suupparmaarketti tokko irratti bananiin lubbuun namoota 6 yoo darbu, poolisoonni balicha too’achuuf yaalaa turan lama ammoo madaa’aniiru.

Ka’umsi gochichaa hanga ammaatti beekkamuu baatus,naannichi xiyyeeffannaa keessa akka ture qorannoon bulchiinsa magaalichaa ni mul’isa.

Sababa kanaan magaalicha keessatti manneen barnootaa fi dhaabbileen daldalaa hedduun yeroof cufamaniiru.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment