Ameerikaa fi Chaayinaan hariiroo waraanaa itti fufsiisuuf walii galan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Ameerikaa fi Chaayinaan hariiroo waraanaa itti fufsiisuuf walii galuu dhaga’ameera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin Sanfiraansikootti wal arguun mari’ataniiru.

Marii bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii ibsameera.

Marii isaanii hordofee ibsa miidiyaaleef kennaniin Waashiingitanii fi Beejiing hariiroo waraanaa isaanii itti fufsiisuuf waliigaluu himameera.

Hariiroo ifaa fi kallattiitti deebineera, kunis biyyoota Niiwukalara hidhatan lamaan gidduutti waldhabdee jiru maskuuf gargaara jedhan Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan.

Yaa ta’uutii ammas dhimmoonni irratti walii hin galamne tokko tokko jiraachuu kaasaniiru.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing gama isaaniin, Chaayinaan Ameerikaarratti shira hin xaxxu, Ameerikaanis Chaayinaa miidhuuf karoorfachuu hin qabdu jechuun Baayidaniif ergaa dabarsuu RTn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment