Finfinnee, Sadaasa 14, 2017 (FBC) – Damee Bobbii Hojii Alaan Ameerikaa fi Awurooppaatti lammiilee hojiif akka bobbaasaan qaama kamiifiyyuu beekamtii fi bakka bu’uunsi kenname kan hin jirre ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.
Qaamolee Ameerikaa fi Awurooppatti hojiif lammiilee ni ergina jechuun gochaa waliin dhahuu raawwachaa jiran seeratti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Kanaadaa dabalatee biyyoota Awurooppaa garaagaraatti lammiilee hojiif ni ergina, kanaafis qaama dhimmi ilaallaturraa eeyyama arganneerra jechuun hojiin beeksise miidiyaalee hawaasummaan hojjetame hawaasa baasii fi dhamaatii hin malleef saaxilaa jiraachuu ibseera.
Qaamolee yakka waliin dhahuu raawwachaa jiran kanneen seeratti dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eereera.
Hawaasni of eeggannoo akka taasisu hubachiiseera.
#Oromia #Ethiopia