Ameerikaa Bulchiinsa Ariizoonaatti balaa Ibiddaa muudateen manneen 700 ol barbadaa’an

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Kutaa Kaabaa Ameerikaa Bulchiinsa Ariizoonaatti balaa Ibiddaa sababa bubbeen muudateen manneen 700 ol barbadaa’uu ibsameera.

Balaan Ibiddaa Magaalaa Filaagistaafii ka’e miidhaa hamaa qaqqabsiisuu isaan naannichatti labsiin yeroo hatattamaa labsamuu eerameera.

Balichaan yoo xiqqaate Gamoowwan 24 gubachuu ibsameera.

Magaalaa Filaagistaaf keessa namoonni kumni 2 ol kan jiraatan ta’uu fi hanga ammaatti manneen 766 barbadaa’uu himameera.

Bineensonni kumni 1 ol naannichaa baqachuu isaanii TRT gabaaseera.

Balaan Ibiddichaa ammas haala sodaachisaa ta’een cimee itti fufuu ibseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment