Ambootti pirojektoonni Birrii miiliyoona 219 oliin ijaaraman jalqabsiifaman

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Magaalaa Ambootti pirojektoonni Birrii miiliyoona 219 oliin barana hojjechuuf karoorfaman jalqabsiifamaniiru.

Haaluma kanaan, pirojektoonni haaraan 20 fi suphaan 11 hojjetamuuf karoorfamuun ibsameera.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo Obbo Acaaluu Gammachuu, barana hojiilee ijaarsa pirojektoota yeroon eegaluun ariitii barbaachisuun xumuruuf akka tumsu ibsanii, hawaasnis tumsa akka taasisu gaafataniiru.

Uummanni magaalaa Amboo hirmaannaa misoomaa fi nageenya irratti taasisaa jirus cimsee akka itti fufu dhaaman.

Gama biraatiin, pirojektonni bara 2014 baajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaa fi abbootii qabeenyaan ijaaraman tajaajila hawaasaaf banaa ta’uu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment