Amboo fi Gudaritti biifaan farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Magaalaa Amboo fi Gudaritti biifaan farra ilbiisota dhibee qaqqabsiisanii raawwatame.
 
Ogeessa fayyaa fi jiraataa Ameerikaa kan ta’an Dooktar Dassuu Tafarraan kaka’umsa mataa ofiitin maallaqa ramadanii biificha hojjechiisaniiru.
 
Dooktar Dassuun ummata weerara vaayrasii koroonaa jalaa baraaruuf, magaalota biroottis hojichi kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
 
Meeshaalee qulqullinaaf barbaachisanis namoota harka qalleeyyii ta’aniif arojoomaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment