Ambasaaddar Nabiil Maahdii itti aantuu preezdantii Sudaan kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)- Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahdiin itti aantuu preezdantii Sudaan Kibbaa Reebeek Niiyandeeng Dimabiiyoor waliin dhimmoota waloo fi naannoorratti mari’ataniiru.
Marii isaaniitin Ambaasaaddar Nabiil dhimmoota marii sadeenii hidha haaromsaa, haala daangaa Ityoo-Sudaan akkasumas haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi filannoo marsaa 6ffaarratti ibsa taasisaniiru.
Itti aantuun preezdaantiittin gama isaaniitin hariiroo ummattoota Ityoophiya fi Sudaan Kibbaa kaaasaniiru.
Ijaarsi hidha haaromsaa wayita xumuramuu Sudaan kibbaa Ityoophiyaa waliin kan ishee daangessu naannolee 3 fayyadamoo taasisuuf karoorri jirachuu himaniiru.
Dhimma daangaa Ityoo-Sudaan mariin hikamuu akka qabu ibsuun Sudaan kibbaas dhimmichi mariin akka xumuramuu deeggarsa barbaachisaa ni taasifti jedhaniiru.
Haala naannoo Tigraay dhiyeenyatti guutuumma guutuutti sirratee Ityoophiyaatti nageenyi waaraan akka dhufuu abdii qaban himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment