Ambaassadar Tizzitaa Muluugetaa, Ministira Dhimmaa Alaa Neeppaali waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 3, 2014 (FBC) – Neeppaaliitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tizzitaa Muluugeetaa, Ministira Ministeera Dhimma Alaa Neeppaa Baahraat Raaji Paawdiiyaal waliin mari’ataniru.

Marii isaaniin Ambaassaaddar Tizzitaa, hariiroon Ityoophiyaa fi Neeppaal akka lakkoofsa Faranjoota bara 1971 eeggalu himaaniiru.

Biyyoonni lameen waltajjii lammiilee hedduu ta’an irratti faayidaa waloo fi wal amanuun waliin hojjechaa turu himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsa dhaabuufi nageenyaa waaraa fiduuf tarkaanfii fudhataa ture irrattis ibsa kennaniiru.

Ta’uus garee shororkeessaa ABUT filannoo nagaa fudhachuu didun, iddoowwan weraaraan qabateetti lammiilee nagaa ajjeessuu himan.

Akkasumas mootummaan Ityoophiyaa nagaa buusuuf kutannoo addaa akka qabus himun, Neeppaal waltajjii lammiilee hedduu ta’aniin deeggarsa Ityoophiyaaf taasisa jirtu cimsitee itti fufuu qabdis jedhaniiru.

Baahiraat gama isaaniin, Ityoophiyaa humna mataa isheen walitti bu’iinsa uumame hiikuun dandeessiiis jechun, Neeppaal hariiroo biyyoota lamaaniifi waltajjii lammiilee hedduu irratti faayidaa waloof hojjechuuf kutannoo akka qabanis mirkaneessuu ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment