Ambaassaaddar Tireesii An Jaakoobsan magaalaa Adaamaatti hojiilee misoomaa mootummaa Ameerikaan hojjetaman daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Mootummaa Ameerikaa Tireesii An Jaakoobsan magaalaa Adaamaatti bu’uuraalee misoomaa mootummaa Ameerikaan hojjetaman daawwatan.

Bu’uuraalee fayyaa fi invastimantiiwwan jijjiirama dargaggootaa irratti hojjetaman erga daawwataniin booda kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee fi bakka bu’oota hawaasaa magaalichaa waliin mari’achuu ibsameera.

Ambaasaaddarittiin naannichatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuun haala walta’iinsa cimsuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.

Ameerikaan mootummaa federaalaa fi naannoo, dhaabbilee hawaasaa fi uummata biyyattii waliin ta’uun nageenyaafi badhaadhina hundaaf hojjechuuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddar Tireesiin dubbataniiru.

Mootummaan Ameerikaa bara faranjootaa 2021tti damee fayyaa, nageenyaa fi namoomaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.3 taasisuu yaadachiisuu Ityoophiyaatti ragaan Imbaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Kantiibaan magaalichaa  deeggarsa mootummaan Ameerikaa magaalichaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment