Ambaasaddar Tashoomaa Togaan Dhaabbataa Godaantotaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Koomishinarri Koomishinii Haaromsaa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tasoomaa Togaan Ityoophiyaatti Itti Gaafatamaa Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa Imraahi Gular waliin mari’ata.

Marii isaaniin, Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa fi Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa walta’iinsaan haalota hojjechuu danda’amurratti mari’ataniiru.

Keessumaa loltoota duraanii deebisanii dhaabuun milkaa’inaan akka xumuramuuf dhaabbileen qinoominaan hojjechuu haalota dandeessisanirratti mari’achuu Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Dhaabbanni Godaantotaa Idil Addunyaa ga’umsaa Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ityoophiyaa guddisuuf dameewwan garaagaraan tumsa taasisaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment