Ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatoota biyyoota ollaa Ameerikaa Waashingitan DCtti argamaniif ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatoota biyyoota ollaa Ameerikaa Waashingitan DCtti argamaniif ibsi laatameera.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaan duulichi ilaalchisuun ibsa taasiisaniiru.

Ambaasaaddar Fitsum Araggaan gareen finxaaleyyii ABUT waggoottan lamaan darban jijjiirramne eegalame akka hin milkoofneef shira addaa addaa xaxaa turuu ibsaniiru.

Gareen kun haleellaa garaa jabinaa Onkololeessa 24, 2013 raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaarratti raawwate hordofuun mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf gara tarkaanfiitti galuu qaamolee kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu milkiin xumuramuu eeruun , yakkamtoota kanneen too’achuun seeratti dhiyeessuun hojii Poolisii Federaalaa ta’uu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Fitsum Araggaan yeroo murteessaa kanatti birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf deeggarsa fi tumsa biyyoonni ollaa taasiisan galateeffataniiru.

Mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti lammiileen nagaa osoo hin miidhamin yeroo gabaabaa keessatti xumuruu isaa Ambaasaaddaroonni fi Dippiloomaatoonni kunneen dinqisiifataniiru.

Naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uuf walitti dhiheenyaan hojjechuuf waliigalamuu ragaan Waashingitan DCtti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment