Ambaasaaddaroonni Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaafi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwatan

Finfinnee, Mudde 12,2015(FBC)- Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraatti Ityoophiyaa bakka bu’an Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaafi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwatan.

Jijjiiramni riifoormii Ministeerichi taasisaa jiru bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu hogganaan Waajjira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Yilmaa Makuwaaninteen ambaasaaddaroota kanneeniif ibsaniiru.

Hojii riifoormii hojjetamaa jiruun gurmaa’iinsonni kanaan dura hin turre Humni Galaanarraafi Saayibarii dabalatee hojiileen birmadummaa biyyattii kabachiisan hojjetamuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun ambaasaaddaroonni kunneen Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo daawwataniiru.

Ittaanaan Daayrektara Olaanaa bulchiinsichaa obbo Daani’eel Guutaan, hojiilee riifoormii bulchiinsichaarratti ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa laataniiru.

Dippiloomaasiin saayibarii dirree dippiloomaasii 4ffaa waan ta’eef faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf gaheen dippiloomaatotaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Ambaasaaddaroonni turtii bulchiinsichatti taasisaniin Giddugalawwan Diijitaal Egzibiishiniifi Misooma Dandeettii daawwachuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment