Ambaasaaddar Zannabuu Taaddasaa dhimma ajjeechaa Aggituu Guddaataa ilaalchisee aanga’oota naannichaan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Xaaliyaanitti Ambaasaaddar Ityoophiyaa Zannabuu Taaddasaan ajjeechaa Aggituu Guddataa ilaalchisee aanga’oota naannichaa waliin mari’ataniiru.
Imbaasichi eega ajjeefamuun Aggituu dhaga’mee gadda isaa ibsachuun, Ministeera dhimma alaa Xaaliyaanii waliin dhimmicha itti dhiyeenyaaan hordofaa jiraachuu ibseera.
Xaaliyaanii keessatti baaduu aannan Re’ee horsiifturraa oomishtuun kan beekamtu baqattuun Ityoophiyaa Aggituu Guddataa ajjeefamuun ishee Xaaliyaan darbee addunyaa naasiseera.
Ambaasaaddar Zannabuun wayita dhimmichaaf gara sana imalan simannaan taasiifamee fi erga ajjeechaan Aggituu dhaga’amee jiraattoonni magaalaa Tiriintinoo jaalalaa fi deeggarsa isheef qaban agarsiisuu isaaniif galateeffataniiru.
Qaamni ishee ajjeese haalan qoratamuun murtoon sirriin akka itti laatamu gaafataniiru.
Dhaabbanni dhimma baqattootaa Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) du’a Aggituun miidhamu ibseera.
Dhaabbatichi boqottuus Aggituun fakkeenya milkaa’inaa jedhamuun leellifamti, seenaan yaadatamtillee jechuun ibseera.
Poolisiin biyyattii qorannoo gaaggeessuutti jiru, Aggituun mataan ishee rukutamee akka duute mirkaneesseera.
Finfinneetti dhalattee kan guddattee Aggituun waggaa 10 dura ture baqaan gara Xaaliyaan imaltee turte.
Jireenya baqaa mo’achuuf bulchiinsa Tirintiinoo keessatti re’oota horsiisuun bu’aa aannan re’een jireenya gaggeesuu erga eegaltee waggootni lakkaawamaniiru.
Aggituun mana jireenyaa ishee keessatti ture duutee kan argamte.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment