Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimiroo itti aanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Sudaan waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC)- Sudaanitti Ambaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon itti aanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Mohaamaad Shariif Abdallaa waliin mari’atan.

Turti isaaniitin hariiroo biyyoota lamaanii, adeemsa marii hidha haaromsaa guddichaa fi dhimmoota daangaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Yibalxaal qophii guutiinsa bishaan hidha haaromsaa guddichaa marsaa 2ffaan waliin walqabsiisee kaleessarra eegalee biishaan hidhicharra gadi lakkifamuu akkasumaas waljijjiirra odeeffannoo yeroo itti aanuu jiraatuuf aarifachiisuun gama Sudaaniin bakka bu’aan akka jiraatuu Ityoophiyaan xalayaan yaadachiisushee ibsaniiru.

Dabalataanis Ityoophiyaan sababa Hidha Haaromsaa Guddichaaf uummataa Sudaan irraa miidhaan akka hin qaqqabneef of eeggannoo akka taasiftuu ibsaniiru.

Gama kanaanis mootummaa fi uumaata Sudaaniin sodaa akka hin jiraannee ibsaniiru.

Dhimma daangaa ilaalchisee waliigaltee fi koree waloo hundaa’een fala furmaataa barbaduun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee bu’reeffachuun falli furmaataa laatamuu akka qabu ambaasaaddarichi eerraraniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Mohaamaad Shariif Abdallaa, hidha haroomsaa wal qabsiisee gama Ityoophiyaan odeeffannoon laatamuu tarkaanfii gaarii ta’u ibsuun, dhimmichaf waliigalteen dirqamaa jiraachuu akka qabu ibsaniiru.

Dhimma daangaarratti walitti dhufeenyaa mari’achuu fi koreen siyaasa olaanoo biyyoota lamaanii akka walarganiif haala mijeessuun bu’a qabeessa akka ta’u Ministirichi ibsuu ragaan waajjira Ministeera Dubbii Himaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment