Ambaasaaddar Waynesheet Taaddasaa bakka bu’aa Preezdaanti Riippabiliika Demokiraatawaa Koongoo Luutaadik Yaaniikii waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Itti Waamamaan Dhaabbii Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Waynesheet Taaddasaa bakka bu’aa Preezdaanti Riippabiliika Demokiraatawaa Koongoo Luutaadik Yaaniikii waliin mari’atan.

Mariichis hariiroo biyyoota lameenii dhimmoota cimsuu danda’urratti kan xiyyeeffatedha.

Itti Waamamaan Dhaabbii Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Waynesheet Taaddasaa sadarkaa ijaarsi hidha haaromsaa jiruu fi itti fayyadama laga Abbayaa irratti ejjennoo Ityoophiyaa qabdu ibsa laataniiru.

Bakka bu’aan Preezdaanti Riippabiliika Demokiraatawaa Koongoo Luutaadik Yaaniikii gama isaaniin itti fayyadama laga Abbayaa ilaalchisuun Ityoophiyaa waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment