Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Ittaanaa Ministira Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Ittaanaa Ministira Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Chaayinaa Zhaang Zhuu waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin damee tuurizimii sababa weerara vaayrasii Koroonaan qabanaa’e haala dadammaqsuun danda’amurrattii fi hariiroo aadaa uummataa biyyoota lameenii haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa cimaa ta’uu fi bara faranjootaa 2017 irraa eegalee gara deeggarsa hunda galeessaa fi tarsiimawaatti guddachuu ibsameera.

Hariiroo kanas hariiroo uummataan, waljijjiirraa aadaa fi yaa’iinsa tuuristiin fooramii tumsa Afrikaa- Chaayinaatiin dadammaqsuu fi cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu eeramuu ragaan Chaayinaatti imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Tashoomaan deeggarsa talaallii Vaayrasii Koroonaa fi meeshaalee yaalaa garaagaraa Chaayinaan Ityoophiyaaf taasisteef galateffataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment