Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Komishinarri koomishinii Haaromsaa biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan komishinara Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hojiiwwan hidhattoota duraanii deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiruu fi hojiiwwan biroo irratti ibsa kennaniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, waliigaltee nageenyaa hordofuun bu’aa argamee fi hojiilee fuulduratti eegamu irratti mari’ataniiru.

Kanaan duras waliigaltee nageenyaa hojiirra oolchuuf deeggarsa Ameerikaa irraa eegamu irratti mari’achuu yaadachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment