Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa Gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Diing Lii waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 2, 2013 (FBC)-Chaayinaatti ambaasaaddarri FDRI Taashoomaa Toogaa Gargaaraa Ministira Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Diing Lii waliin haala waqtaawaa biyyaa fi hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari’ataniiru.
Marii isaaniitin ambaasaaddar Tashoomaan Chaayinaan mootummaan Ityoophiyaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhateef ejjennoo hin jijjiirramne agarsiisuu isheef galateeffataniiru.
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuramuun yakkamtoota adamsuun seeraatti dhiyeessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hiimaniiru.
Naannoo Tigraayiin deebisanii dhaabuu, mootummaa federaalaatin kan hundaa’ee bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayii uummata waliin marii taasisuun hojii tasgabeessu hojjetaa jiraachuus ibsaniiru.
Nageenyaa hawaasa mirkaneessuuf akkasumaas hojiin lammiileef deeggarsa namooma taasisuu xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuus himaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Diing Lii gama isaaniitin, mootummaan federaalaa tarkaanfii olaantummaa kabachiisuuf fudhatee keessaatti giddugalummaa humnoota alaa tattaffiin taasifame fudhatama hin qabu jedhniiru
Chaayinaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu ibsuun Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee oofii isheen akka hiiktuu abdii qaban ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment