Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan Koomishinara Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Ambaasaaddar Tashoomaa Togaan Mudde 28, 2015 irraa eeglee Koomishinara Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa ta’uun muudamaniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan duraan Chaayinaatti Ambaasaaddara Guutuu Ityoophiyaa ta’uun tajaajilaniiru.

Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa, gurmaa’anii humnoota hidhatanii socho’an hidhannoo akka hiikkatan, itti fufiinsaan hawaasatti makamuun jireenyaa idilee akka gaggeeffatan taasisuuf kaayyeeffatee kan hundaa’eedha.

Koomishiniin kana hundeessuuf wixinee dambii dhiyaateerratti Manni Maree Ministirootaa Sadaasa 3, 2015 walga’ii idilee gaggeessen raggaasisuun akka hojiirra oolu murteessuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment