Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa Shii Wuunzhi waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Tafarraan Fooramii Invastimantii Caamsaa dhufu Ityoophiyaatti gaggeeffamuufi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaarratti ibsa taasisaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Fandii Misoomaa Chaayinaa-Afrikaa Shii Wuunzhi gamasaniin, Fandiin Misoomaa Chaayinaa- Afrikaa Afrikaatti hojiilee invastimantiirratti bobba’aa jiraachuufi filannoowwan invastimantii jiran beeksisaa jiraachuu ibsaniiru.

Simpooziyeemii Invastimantiifi Faayinaansii Chaayinaa-Afrikaa baatii Waxabajjii dhufu fandichi qopheessurratti Ambaasaaddar Tafarraafi hojjettoonni Embaasichaa akka hirmaatan affeeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment