Ambaasaaddar Taayyeen  Sudaanitti Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Sudaanitti Ergamaa Addaa Ameerikaa Toom Peeriloo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota Naannawaa Gaanfa Afrikaa fi haala waaqtawaa Sudaanirratti mari’ataniiru.

Nageenyaaf Tasgabbii Sudaan mirkaneessuuf tattaffii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasisaan jiran Ambaasaaddar Taayyeen ibsaniiru.

Akkasumas Sudaan keessatti nageenyif tasgabbiin  akka mirkanaa’u waloon hojjechuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment