Ambaasaaddar Taayyeen Ministiroota Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaddar Taayyee Atsqasillaaseen Ministiroota Dhimma Alaa Rippaabilikii Giddugaleessa Afrikaa fi Poorchugaal waliin mar’ataniiru.
 
Ambaasaddar Taayyee Ministira Dhimma Alaa Rippaabilikii Giddugaleessa Afrikaa Siilvii Baaypo Taamoon waliin dhimmoota naannawaa fi hariiroo gamlameerratti mari’ataniiru.
 
Haaluma walfakkatuun gita isaanii Porchugaal Jaa’oo Goomeez waliin dhimmoota gamlamee fi idil addunyaarratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
 
Itiyoophiyaan dameewwan tuuriizimii, barnoota, daldalaa fi invastimantiin Poorchugaal waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
 
Poorchugaal gama isheen hojiirraa oolmaa waliigaltee Piritooriyaa akka deeggartu Jaa’oo Goomeez ibsaniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment