Ambaasaaddar Taayyeen Ministira Alaa Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) – Ministirri Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gita isaanii Turkii Haakaan Fiidaan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota Waqtaawaa Somaaliyaa fi Sudaan akkasumas hariiroo waloon biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannawaarratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Nageenya naannawaa Gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf tumsaan hojjechuuf murannoo qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment