Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) -Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Dhimma Alaa Deenmaark Laarsi Raamusan waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Haala hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.
Dhimmoota nageenya ardii fi naannawaa, akkasumas tumsa gamhedduurratti mari’achuu eerameera.
Itiyoophiyaa fi Deenmaark misooma Qonnaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa,deeggarsa namoomaa fi dhimmoota biroorratti tumsaan hojjechaa jiraachuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.