Ambaasaaddar Taayyeen gargaaraa Barreessaa Olaanaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gargaaraa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Dooktar Raamiiz Alaakbaaroov waliin mari’ataniiru.

Karoora deeggarsa misooma biyyaalessaaf taasiifamu haala guddisuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Hariiroo fi tumsa Itiyoophiyaafi dhaabbaticha gidduu jiru caalmaatti cimsuun hojiilee misoomaa fi haala duub deebii deeggarsa namoomaarratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sosochii misoomaa Itiyoophiyaa deeggaruu cimsee kan itti fufu ta’uu Dooktar Raamiiz mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment