Ambaasaaddar Taayyeen dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaarratti hooggantoota Waldaa Fannoo Diimaa idil Addunyaa fi DhMG waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)-Ambaasaaddar Taayyeen Atsiqasillaasee dhimmoota waqtaawaa Ityoophiyaarratti hooggantoota Waldaa Fannoo Diimaa idil Addunyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen daayreektara Ooppireeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi Gorsaa adda Sanyummaa balleessuu ittisu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen daayreektara Ooppireeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Doomiiniik Stiilkaart waliin mari’ataniiru.

Waldaan Fannoo Diimaa idil addunyaa deeggarsa wal irraa hi cinnee Ityoophiyaatti taasisaa jirufis ambaasaaddarichi galateeffataniiru.

Naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa fi hojiin deebisanii dhaabuu cimee akka itti fufuuf ibsameera.

Gama biraatinis ambaasaaddarichi Gorsaa adda Sanyummaa balleessuu ittisu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Aliis Waayrimuu waliin mari’ataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

 

Comments (0)
Add Comment