Ambaasaaddar Taayyeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa Haannaa Saariwaa  Teetee waliin mari’achuu ibsameera.

Marii isaaniin, dhimmoota waqtaawaa siyaasa naannawaa akkasumas Ityoophiyaatti deeggarsi namoomaa akka ariifatuuf murtoo dhukaasa dhaabuurratti mari’ataniiru.

Naannawichattis rakkoolee nageenyaa daangaa ce’anii fi dhimmoota walfakkaatarratti mari’achuusaanii ragaan waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment