Ambaasaaddar Taayyeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hoggantoota waajjira qindeessaa dhimmoota namoomaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasilaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hoggantoota qindeessaa waajjira dhimmoota namoomaa waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen daayreektara waajjirichaa Reenaa Geelaanii fi Itti aanaa daayreektara waajjirichaa Gaadaa Eeltaahiir waliin mari’achuu isaanii ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaa addaa Ityoophiyaarraa argame ni muuli’isa.
Haala dhimmoota namoomaa naannoo Tigraay ilaalchisee waajjirichaaf gabaasni ragaan deeggarame dhiyaachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Deeggarsi namoomaa naannichatti taasiifamaa jiru namoota deeggarsi barbaachisuuf seeraan qaqqabaa jiraachuu mirkaneessuuf mootummaa waliin tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment