Ambaasaaddar Taayyeen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ameerikaa Liindaa Toomaas Griinfiild waliin mari’ataniiru.
Haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi dhimma deeggarsa namoomaa naannichaarratti marii taasiisaniiru.
Dhimmoota waloo naannawaa fi idil addunyaarrattis mari’achuu isaanii Ambaasaaddar Taayyeen ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan tumsaa fi hariiroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin qaban caalmaatti cimsuuf walii galaniiru jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment