Ambaasaaddar Taayyeen barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota misoomaa Bahaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota misoomaa Bahaa Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabaayyoo waliin Jibuutiitti mari’ataniiru.

Dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Haala waqtaawaa Sudaanirratti mari’achuu isaanii Dooktar Warqinaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

IGAD naannawichatti ergama isaa raawwachuuf sochii taasiisuu Itiyoophiyaan kan tumsitu ta’uu Ambaasaaddar Taayyeen eeraniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen turtii Jibuutiitti taasiisaniin Ministira Dhimma Alaa biyyattii Mahaammad Alii Yesuuf waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment