Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)- Yaa’iin waliigalaa 79ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jiruun cinaatti Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yuu waliin mari’atan.

Marii isaaniin dhiyeenya kana Chaayinaatti kan gaggeeffame Fooramii Chaayinaa-Afrikaa 4ffaa irratti waliigalteewwan hariiroo isaanii cimsan mallatteessuun biyyoonni lameen hariiroo isaaniif xiyyeeffannaa olaanaa akka kennan argisituu ta’uu Ambaasaddar Taayyeen dubbataniiru.

Fooramichi Afrikaa dabalatee tumsa tarsiimawaa Itiyoo-Chaayinaa gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment