Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gita isaanii Singaappoor waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen gita isaanii Singaappoor Dooktar Viiviyaan Bilaakarishnaan waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo biyyoota lameen gidduu jiru cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti akkasumas dhimmoota idil addunyaa walta’iinsa waloo gaafatan irratti mari’ataniiru.

Marichis Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa biyyattiitti taasisan hordofee ta’uu eeruun hariiroo biyyoota lameen gidduu cimsuun akka barbaachisu akeekaniiru.

Keessumaa dameewwan daldalaa, invastimantii, geejjibaa fi loojistiksii, ce’umsa teeknooloojii akkasumas walta’iinsa misoomaarratti walta’iisa isaanii cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Ambaasaddar Taayyeen faayinaansii, diinagdee dijitaalaa akkasumas giddugala teeknooloojii Idil Addunyaa ta’uun naannawaa tarsiimawaa qabachuu ishee dinqisiifataniiru.

Haaluma kanaan abbootiin qabeenyaa Singaappoor misooma magaalaa ismaartii Itiyoophiyaa, qonna babal’isuu, diinagdee magariisaa, tajaajila tuuriizimii fi damee barnootaan hojii invastimatiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeesaniiru.

Dooktar Viiviyaan Bilaakiriishnaan gama isaaniin Singaappoor Afriikaatti keessumaa Ityoophiyaatti hirmaannaa misooma diinagdee ishee cimsuuf fedhii qabdu calaqqisiisaniiru.

Mootummaan Itiyoopiyaas biyyattiitti naannawaa invastimantiif mijatuu uumuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifatanii, fuuldurattiis hariiroo gaarii biyyoota lameen gidduu jiraachuu malu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment