Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen Preezdaantii yaa’ii waliigalaa DhMG ambaasaaddar Voolikaan Booskiir waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen Preezdaantii yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ambaasaaddar Voolikaan Booskiir waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Taayyeen haala waqtaawaa Ityoophiyaa preezdaanichaaf ibsa taasisaniiru.

Dhimmoota Ardii fi idil addunyaarratti marii taasiisaniiru.

Hojiilee Gamtaan Afrikaa fi dhaabbileen naannoo dhimmoota Ardii fi idil addunyaarratti hojjetan irratti ibsa laataniiru.

Talaallii dhibee Covid- 19 biyyoota Afrikaaf tumsaan qaqqabsiisuun akka barbaachisuu Ambaasaaddar Taayyeen Preezdaantii yaa’ii waliigalaa 75ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ambaasaaddar Voolikaan Booskiiriif ibsa taasiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment