Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen gaanfa Afrikaatti ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) –Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen gaanfa Afrikaatti ergamaa Addaa Gamtaa Awurooppaa Dooktar Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Haala Ityoophiyaa fi Dhimmoota gaanfa Afrikaarratti mari’achuu Ambaasaaddar Taayyeen fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Akkasumas deeggarsa namoomaa waliin ga’uuf murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu taasiifame irratti marii taasiisuu isaanii himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment