Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC) – Murtee Boordiin Hoggansa Ityoo – Injinariing Giruuppi dabarseen hojii raawwachiisaa olaanaa dabalatee Itti aantoonni lama muudamaniiru.
Haaluma kanaan Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon hojii raawwachiisaa olaanaa, Obbo Mahaammad Jamaal Shariif Itti aanaa Hojii Raawwachiisaa olaanaa fi Itti gaafatamaa damee Oppireeshinii, Aadde Masarat Dassitaa Gabra Yesuus Itti aantuu hojii raawwachiiftuu olaantuu fi Itti gaafatamtuu damee Qorannoo fi Guddina Biznasii Ityoo – Injinariing Giruuppi ta’auun mudamaniiru.
Namoonni kunneen Amajjii 7, 2015 eegalanii kan mudaman ta’uu xaalayaan Walitti qabaan Boordii Hoggansa Dhaabbatichaa Dooktar Abrahaam Balaay barreessan kan mul’isu ta’uu ibsameera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Ityoo – Injinariing Giruuppi kan turan Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa tibba darbe Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa ta’uun mudamuun isaanii kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.