Ambaasaaddar Silashiin Lammiilee Ityoophiyaa fi Abbootii qabeenyaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silashii Baqqalaan Lammiilee Ityoophiyaa Loos Anjalas jiraataanii fi Abbootii qabeenyaa Ameerikaa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Silashiin carraa Invastimantii fi haala qabatamaa waliigalaa Siyaas Diinagdee Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Abbootiin qabeenyaa gara Ityoophiyaa dhufuun misooma Invastimantiirratti hojii bu’aa qabeessa akka hojjetan mootummaan damee Imaammataarratti fooyya’iinsa taasiisuu kaasaniiru.

Meeshaalee Nyaataa alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu fi gabaa alaaf dhiyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Silashiin ibsaniiru.

Marii kanarratti Abootiin qabeenyaa misooma Qonnaa, Bishaanii fi Inarjii, Teeleekoomii, Fayyaa, Misooma Bunaa, Loojastiiksii, Faayinaansii, Qorannoo fi kanneen biroorratti bobba’anii argaman hirmaachuu ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment