Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamariifi Ittaantuu Hogganaa Biiroo Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Moolii Fii waliin mari’ataniiru.
Haala hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa fi dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu Ambaasaaddar Silashiin ergaa gama miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin kaasaniiru.
Waliigaltee nageenyaa mallatteeffame hordofee hojiilee hawaasummaafi diinagdee hojjetaman irratti ibsa taasisuus eeraniiru.
Kana malees haala hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti rakkoolee mudachuu malan irratti mari’achuu ibsaniiru.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.