Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan Daayrektara olaantuu Sagantaa Qabeenya Qilleensaa DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015(FBC)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan Daayrektara olaantuu Sagantaa Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ingaar Andarsan waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Silashiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa ilaalchisee Ingaar Andarsaniif ibsa laataniiru.

Bu’aa misoomni qamadii argamsiisaa jiruufi hojiilee misoomaa milkaa’ina qaban biroorratti ibsa kennuu ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ingar Andarsan gamasaaniin, Hojiilee kunuunsa naannoofi dhimmoota misoomaa Ityoophiyaan hojjechaa jirtu biroorratti Sagantaan Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walta’iinsaan hojjechuu kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment