Ambaasaaddar Shibbiruun Ministira Ministeera Dhimma Alaa Taanzaaniyaa waliin dhimmoota gam-lameerratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) –  Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoon  Ministira Ministeera Dhimma Alaa Taanzaaniyaa Liibraataa Muulaamuulaa fi Ministira Ministeera Dhimma Keessaa biyyattii Hamaad Maasuun  waliin dhimmoota yeroo fi gam-lameerratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin mootummaan walitti bu’iinsa Kaaba Ityoophiyaatti mudate dhaabuun nageenya waaraa fiduuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa jiraachuu Ambaasaaddar Shibbiruun ibsaniiru.

Deeggarsi namoomaa hin daangofne gara naannichaa akka qaqqabu, qaamoleen sarbama mirga namoomaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf, komishinii marii biyyaalessaa hundeessuun nageenya waaraa fiduuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi haala yeroo biyyattiirratti ibsa laataniiru.

Mariin siyaasaa Komishiniin waloo Ministirootaa biyyoota lameenii gaggeessan ariifachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyanota gara Taanzaaniyaa dhufaniif kenniinsa viizaa ilaalchisee akkasumas lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa Taanzaaniyaarraan gara Afrikaa Kibbaa seenuuf osoo jedhanii qaamolee nageenyaa Taanzaaniyaan to’atamuun mana hidhaa biyyattii jiran gara Ityoophiyaatti deebisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Taanzaaniyaa Liibraataa Muulaamuulaan gamasaaniin, Marii siyaasaa Komishinii waloo Ministirootaa biyyoota lameenii yeroo gabaabaa keessatti gaggeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

lammiilee Ityoophiyaa karaa seeraan alaa Taanzaaniyaarraan gara Afrikaa Kibbaa seenuuf osoo yaalanii  qaamolee nageenyaa biyyattiin to’atamuun mana hidhaa Taanzaaniyaa jiran gara biyyaatti deebisuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasisu cimuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Tajaajila kenniinsa viizaa Ityoophiyanota gara Taanzaaniyaa dhaqaniif taasifamu ilaalchisee xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment