Ambaasaaddar Roolaandi Koobiyyaan naannoo Tigraayitti daawwannaa hojii taasiisaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Roolaandi Koobiyyaan naannoo Tigraayitti daawwannaa hojii taasiisaa jiru.

Ambaasaaddarichi Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Radda waliin mari’ataniiru jedhame.

Ambaasaaddar Roolaandi Koobiyyaan guyyoota sadiif naannichatti daawwannaa hojii kan taasiisan ta’uu ragaan Gamtaa Awurooppaarraa argame ni mul’isa.

Turtii isaaniin bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an naanna’uun ni daawwatuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment