Ambaasaaddar Reedwaan Huseen yaa’ii Ministirootaa  3ffaa  Turki – Afrikaarratti hirmaatan

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen yaa’ii Ministirootaa  3ffaa  Turki – Afrikaarratti hirmaataniiru.

Yaa’icharratti hariiroon Turkii- Afrikaa wal kabajaa fi wal amanuurratti hundaa’e guddachaa dhufuu ibsaniiru.

Hirmaannaa Turkiin Afrikaatti gama Invastimantii, misooma humna namaa fi bu’uuraalee misoomaarratti taasiftu dinqisiifataniiru.

Turkii fi biyyoonni deeggartoonni  biroon dameewwan qonna ammayyaa, indaastrii, bu’uuraalee misoomaa fi ce’umsa teeknooloojiin sagantaa dandamachiisa diinagdee Afrikaa akka deeggaran waamicha taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment